Mirga Uumamaa fi Seeraan Qubnu Dhorkamuu irraa kan kae Dhalli Oromoo Tokkoyyuu Du’uu hin Qabu!
Xayalaa Banamaa(Open Letter)
- Kabajamoo Dr Abiy Ahamad, Muummicha
Ministeeraa Itoophiyaaf - Kabajamoo Obbo Lammaa Magarsaa, Ministeera
Ittisa Itoophiyaaf - Kabajamoo Obbo Shiimallis Abdiisaa, Itti-aanaa Prezedaantii Oromiyaaf
- Kabajamoo
Ambaasaddar Eshetu Dessie, Ambaasaddara Itoophiyaa
biyya Ayerlaandiif
Hawaasa Oromoo Ayerlaand irraa
Waldaan Hawaasa Oromoo biyya Ayerlaand haala yeroo ammaa Oromiyaa fi walii gala biyyattii keessa jiru xiinxaluun gadi-fageennaan irratti mari’atee jira. Waldaan keenya uummatni erga sirna cunqursaa Wayyaanee ofirraa fonqolchee asi ijoollee isaa kan ta’aaniin oogganamaa gara sirna dimookraasiitti akka imalaa jiru ni amanna. Erga bulchiinsi yeroo ce’umsaa kun jalqabee asis tarkaanfii hedduu ooggantootni Oromoo kan akka Obbo Lammaa Magarsaa fi Muummichi Ministeeraa Dr. Abiy Ahamad fudhataman kan mana jaajjabeessu dha. Keessumaa hidhamtoota Wayyaaneen mana hidhaatti guurtee dararaa turte gadi-dhiisuu, dhaabota siyaasaa hundaa biyyatti deebi’anii sagantaa isaanii hamma tokko akka uummatatti dhiheeffatani godhuu, biyyoota ollaa Itoophiyaa waliin nagaa buusuun waan hunda keenya gaammachiise dha.
Haa tau malee haalli tokko tokko yeroo yerootti ka’ee kan uumata keenya nagaa dhowwu, kan miidhuu fi gara fuula duraattis kan miidhuu danda’u darbee darbee argamma jira. Harás bulchiinsa ijoollee isaa jalaatti ilmaan oromoo qeée isaanii fi bakkoota adda addaatti ajjeefamaa, hiraarfamaa fi saamamaa jiru. Oromoon harás akkuma keleessaa gandaa itti dhalatee guddate keessatti akka reée qalamaa jira, arrabsamaa jiras. Oromoon akkuma kaleessaa sirna nafxanyaa warra laalessaniin sodaa fi dhoksaa tokko malee miidiyaa adda addaa irratti ija mootumummaa ijoollee Oromoo oogganamuu jalatti salphachaa jira. Yakka Oromoo irra ga’u tokko obsaan yeroo bira dabarru kan biraa duraa duubaan utuu wali irraa hin citin itti fufee jira. Warri yakka hojjetanis yeroo isaani seeratti dhihaatanis arguu dhabuunis hedduu nama gaddisiisa, nama yaaddessas.
Waldaan Hawaasa Oromoo Ayerlaand
haala kana gadi fageenyaan erga irratti mari’ate booda
Xalaan Banamaa (Open Letter) kun Mootummaa Itoophiyaa fi Ooggantoota biyyattii ol-aanoof akka
ergamu sagalee tokkoon murteessee jira. Waldaan keenya mootumaan
Itoophiyaa fi ooggantootni xalayaan kun ergamuuf hundi qabixillee
asiin gadii kana xiyyeeffatnoo itti kennanii ilaaluun gaaffii uummata keenyaa
fi gaaffii waldaa keenyaa kan ta’an kana hojii irra akka oolchani fi deebii akka itti kennanis cimsinee gaafatna.
- Haala nageenyaa Oromiyaa keessatti
uumamee tureen dhumiinsa ilmaan Oromoo qe’ee isaanii keessatti qaama nafxanyaa
ofiin jedhuu fi ergamtoota isaaniitiin geggeeffame yoomiyyuu
kan hin fudhatamne dha. Haal dureen
jeequmsa kanaa yaalii ajjeechaa gooticha Oromoo kan tae Jawaar Mahaammad
irratti yaalame haa fakkaatu malee humni Oromoo ajjeesse kun kan dursee itti
qopaae akka tae hubatamaa dha. Waldaan keenya Waldaan Oromoo biyya Ayerlaand
mootummaan Itoophiyaa oolee utuu hin bulin warra yakka ajjeechaa ilmaan Oromoo
irratti raawwatani kana akka gara seeraatti dhiheessu
gaafatna. - Yakki ajjeechaa yakkamtootaan yaalii
ajjeechaa Jawaar Mahaammad irratti yaalame akka yakka ilmaan
Oromoo hunda irratti yaalameetti ilaalla. Yaaliin kun uummatni Oromoo mirga
isaa akka hin gaafatne, biyyaa isaa keessaatti akka nagaan bahee hin galle tae
jedhanii jeequuf kan godhame dha. Waldaan Oromoo Ayerlaand yakka akkanaa mormuu
qofaa utuu hin taane yoomiyyuu irratti qabsaaá, dura dhaabbatas. Mootummaan Itoophiyaa warra yakka kana irratti hirmaatan, keessaa iyyuu namootni
ragaan qabatamaan sagalee fi maqaan isaanii beekame fi yakka kana warra ajajan hundaa hatattamaan seeratti
akka dhiyeessu gaafatna. - Waldaan Oromoo Ayelaand gootota
Oromoo warra ajaja seeraan alaa, ajaja yakkaa sana fudhachuu
diduun fedhii uummata isaanii lubbuu fi jireenya isaanii dursuun ajaja yeroo fi
seeraan alaa hin fudhanu jedhanii lubbuu obbo Jawaar Muhaammad baraaran hedduu galatoomfatna;
gootumaa isaaniis ni dinqisiifatna. Goototni Oromoo
kun Goobana Daancee kaasee barattee ijoolleen Oromoo harkaa fi gurra alagaa ta’uun
ajajaa fi ergaa fudhatanii uummata isaanii irratti duulaa fi cunqursaa turan
kan yeroo jalqabaaf diddaa lammii isaanii miidhuu danda’u diduun fedhii saba
isaanii bira dhaabbachuu ijoollee Oromoo kan ifatti mulisee waan ta’eef
mootummaan Naannoo Oromiyaa goototawwan kana beekamtummaa fi galata guddaa
(badhaasa waliin) akka gumaachuuf kabajaan gaafatna. - Akka irra deddeebiee dhaga’amu
ooggantoota ODP fi gareen Nafxanyaa ofiin jedhu naamus-qabeessa kan tae humna
Oromoo Qeerroofi
maqaan kennamaa turee fi jiru qoodaa fi dursuma humni kun humna
cunqursaa wayyaanee kuffisuu keessatti durummaan hojjete irraanfachuu irra
darbee galata dhabeessa kan taasisu waan ta’eef gochaan
akkanaa hatatamaan akka dhaabatu, warra Qeerroo humna Oromoo arrabsan(Fakkenyaaf Walaloo Masaraa Mootummaa keessatti kan dhiheessan) seeraan akka gaafataman gaafatna. - Waldaan Hawaasa Oromoo Ayerlaand humni ‘Nuti
Nafxanyaa dha’ ofiin jedhu, kan qawwee hidhatee Oromiyaa jeequmsa guddaa keessa
galchaa jiru, akkasumas mana amantaa kam iyyuu kan waraa akkanaaf dahoo ta’ee meeshaa waraana
kuusuu fi yakkamtoota mooraa isaanii keessa dhoksu cimsinee
balaaleffatna, mootummaan Itoophiyaas warra akkana kana
hordofee hatattamaan seeratti akka dhiyeessu gaafatna. - Oromoon afaan isaatiin Waaqa isaa
kadhachuu, amantii isaa geggeeffachuu fi afaan isaatiin waldaa isaa oogganachuu
mirga uumaamaa fi seera mootummaa biyya sanattiin kan keennameef dha. Kanaafuu
Waldaan keenya garee Waldaa Mana Amnatii Ortoodoksii Oromoo ijaaruuf socho’aa
jiru ni deggera, biras ni dhaabbata. Mootummaan Itoophiyaas taé kan noonnoo Oromiyaa Oromoon mirga isaa kamuu akka argachuu qabu baree akka gargaaru ni
gaaftna. - Miidiyaaleen humnota nafxanyaa, sodaa fi jibba Oromoo qabani kan kaayyoo fi seenaa sirna Nafxanyaa faarsuudhaan, walitti-bu’iinsa sabaa
fi sab-lammoota Oromoo irratti kakasaa jiran utuu jiranii ijaa fi gurra Oromoo
kan ta’an kan akka OMN fi ONN mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Oromoo diina
godhataniin haraareffamuu isaaniitti hedduu gaddina. Waldaan
Hawaasa Oromoo Ayerlaand Miidiyaaleen farra Oromoo ta’an hundi Oromiyaa keessa
hatattamaan akka bahan gaafatna.
Mootummaan Itoophiyaa midiyaalee Oromiyaa keessa taa’anii kan oduu sobaa fi kan jeequmsa kasuu warra dhiiheessan kam iyyuu akka seeratti dhiheessu
gaafatna. - Poolisiin Oromiyaa, ijoolleen Oromoo
Raayyaa Ittisa Biyyattii keessa jirtani fi adda durumaan mootummaan Oromiyaa
lubbuu fi mirga saba keessanii kan ilmaan Oromoo bakka jiranitti tiskuudhaan dirqama
lammummaa baatani Waldaan Oromoo Ayerlaand jabeessee isini gaafata. - Muummichi Misineeraa Dr. Abiy Ahamad qooda
isaan biyyoota ollaa Itoophiyaa walitti fiduun nagaa fi araaraa buusaa turanii
fi ammas godhaa jiran kan hunda keenyaa gammachiise haa tau malee har’as akkuma
bara wayyaanee maqaa ol-aantummaa seeraa eegsifna jedhuun, Komaand postiitiin
uummatni keenya Wallaggaa, Gujii fi Booranaa irrati labsamee jiru kan
akka salphaatti nagaan xumuramuu dandau taee utuu jiruu fedhii dhabuu fi warra
gara qabsoo nagaatti deebi’ani akka sirrii ta’een qabuu dhabuu irraa kan
ka’e tauu isaa ni hubatna. Haa tau malee uummatni Oromoo hara’a Komaand
postii jala jiran sababa tokko malee hidhamaa, ajjeefamaa fi dararamaa jiru.
Waldaan Oromoo Ayerlaand mootummaan kun hatattamaan ijoollee Oromoo warra
bosona jiran waliin haasa’uun araarsa buusee akka uummatni
keenya gara jiruu fi jireenya isaatti nagaan deebi’u akka godhu
gaafatna. Sababa komaad postiin wal-qabatee ilmaan Oromoo mana hidhaatti
guuraman hatattamaan akka gadidhiifaman gaafatna. - Walii galteenii fi wal hubatnoon dhaabota
siyaasaa Oromoo hunda gidduutti ta’e waldaan keenya gammachuu
guddaadhaan simata, ni deggeras. Wal hubatnoon kun kan
wal morkii balleessuu, kan wal irratti dhaabbachuu balleessu, kan dhaabota
Oromoo hunda garee tokko godhee ilmaan Oromoo cunqursaa jarraa tokkoo ol irra ture
kan waliin tiksuu fi kan gadadoo sana deebisee
Oromootti fe’uuf wal qindeessaa jiran, kan
hidhataa fi dhaadachaa jiran kan waliin qolatu akka tau Waldaa
Oromoo Ayerlaand cimsee gaafata, fiixaan bauu kanaatis jabeessee
deggera. - Waldaan Hawaasa Oromoo Ayerlaand
sirna cunqursaa Wayyaanee irratti, akkuma ilmaam Oromoo hundaa, kan ciminaa fi gara
kutatnoon waan dandaa’ame hundaan qabsaa’a
kan ture dha. Erga jijjiiramni sun dhufee booddee
haalaa fi akkataa mootummaan Itoophiyaa bulchaa jiru fi akkataa itti geeggeessa
jiru xiyyeeffatnaa guddaa itti kennee ordofaa jirra. Abdii fi amantaan waldaa
keenyaa mootuummaan kun, akkuma waadaan itti kennamee fi akkuma ofiifis himaa
turetti, biyyatti gara dimookiraasiitti akka ceesisuuf uummatootiin biyyatti
dhiibbaa tokko malee oogganaa bakka itti filaatuun ga’u, fi humni siyaasaa kamuu dhiibbaa tokko
malee sagantaa isaa qabatee uummatatti akka dhihaatu dha. Abdin keenya kun
ammas cimaa haa tau malee haalli biyyatti keessatti argamu tokko tokko
keessumaa Seera Bulchiisan Mootumaa
Federaalaa kan jiru kana kan shakkii keessa galchuu dandau karaa dhaabota addaa
addaa fi karaa mootummaa biyya bulchaa jiruu kanaan yaadni dhihaatan tokko tokko
yaaddessaa dha. Waldaan Keenya ammumaa kaasee sirna federalaa kan dhiiga
kumaatamaan dhufe kana kan dhiiguu yaalu kamuu dura akka dhaabbatu fi seera
bulchiinsa federaalaa jiru kan balleessuuf sochou kam iyyuu kan balaleeffatu
tauu isaa dursinee hubachiisa, gartuu kana godhuu yaalan kamuu duras ni dhaabbana. - Uummanti Oromoo gaaffii bara dheeraaf
gaafatchaa ture, mirgoota kan uummatummaa
isaa ta’an kana daangaa malee argachuuf ilmaan isaa hedduu itti wareegaa turuun
isaa beekamaa dha. Waldaan Oromoo Ayerlaand Oromoon mirga isaa uumamaanis tae
seeraan qabu argachuuf lubbuu nama tokkoollee wareeguu akka hin qabne cimsee
amana. Haa tau malee gaaffiin Oromoon abbaa biyyummaa Finfinnee irratti gaafatchaa ture,
gaaffiin Afaan Oromoo afaan hojii biyyattii akka tau gaaffachaa ture, gaaffiin wal-qixxummaan
akka humna, baayyinaa fi qabeenya isaatti biyyaattii
keessatti qabaachuu qabu hamma ar’aatti deebii hin argatne. Waldaan keenya
yeroo ce’umsaati jedhee abdii fi amantaan
mootummaa kana eegaa haa jiraatu malee gaaffilee kana deebisuuf carraaqiin
qodhamaa jiru faalla isaa akka deemaa jiru argina. Kanaafuu mootummaan kun
gaaffii Oromoon mirga isaa gaafachaa jiru kana haala akkamii irraa akka jiru
uummata Oromoof hatattamaan ibsa akka kennu gaafatna. Uummatni Oromoos tae
Waldaan Oromoo Ayerlaand hamma gaaffiileen uummata Oromoo kun deebii waaraa
argatanitti qabsoo keenya kan addaan hin citne
tauu asuun hubachiifna. - Waldaan Hawaasa Oromo Ayerlaand dhaabotiin siyaasaa mirgi Oromoo akka
bakka hin geenyee fi mirga uummatni keenya argate fuul-duubatti deebisuuf
hojjetani, keessumaa warri sirna fedaraalaa hadheessanii fi sirna durii,
boodatti hafaa sana deebisuuf carraaqan Naannoo Oromiyaa keessaa akka
hatattamaan hariamanii baafaman, hiriira nagaas tae wal-gaii kamuu Oromiyaa
keessatti akka hin ayyamaneef cimsinee gaafatna.
Waldaa Hawaasa Oromo Biyya Ayerlaand
Dabliin, Ayerlaand, 2019