Humni Gonkumaa Furmaata hin tau!

Humni Gonkumaa Furmaata hin tau!

Obbo Odaa Gadaa, Ireland Irraa!

Siyaasni Itoophiyaa isa akka koo achitti dhalatee guddate mitii isa takkaa biyyaa sana deemee hin argineyyuu hedduu yaaddessaa jira. Manootni hedduun biyyaa kana rakkina dinagndee fi hawwaassummaa ishee midiyaa irraa dhaga´ani hedduu gaddu. Kana irratti yeroo biyyi kun rakkoo siyaasaa, bulchiinsaa fi nageenyaa itti dabalanii dhaga´ni hedduu isaan dhiba. Sakkoon biyya sanaa fi rakkoon uumatoota biyya sana jiraani mana akka koo achi jiraatee beekuuf hedduu cimaa dha. Rakkooleen himamanii hin dhumne xinnaa fi guddaan godaa hamma gubbaatti biyyattii liqmsee jira. Rakkoon kun magaalaa fi baadiyyaa yookaan saba kana fi saba sana utuu hin jenne hundaa hudhee dhalootaa gara dhalootaatti darbaa jira.

Biyyi Itoophiyaa jedhamtu akka biyyaatti garuu biyya badhaatuu dha. Biyya bunni jalqaba itti argame, biyya haala qileensaa qonnaa fi horsiisaaf mijuu tau adda addaa, qabeenya albuudaa fi humna namaa biyya sanaaf miti kan biyya biraafuu bu´u qabdi. Haa tau malee utuu data biyyota addunyaa ilaallee Itoophiyaan warra iyyeeyyii jedhaman biyyoota lama sadii keessaa ishee tokko dha. Itoophiyaan barnootaan, dinagdeen, tajaajila nagaan biyya baayyee rakkoo guddaa qabu dha. Waan qabeenyaa fi guddina ittin madalaan hundaan gara gadii jirti. Kana malees rakkoo hawaasaa kan ta´an kan akka dafanii du´uu, dhukubaa fi iyyummaan uummatni ishee hedduu digraa keessa jiru dha.

Rakkooleen kun eessaa maddu? Kun gaaffii sirrii eenyuyyuu gaafatu dha. Gaaffiin kun kan warra biyya sana jiraatani lammiiwwan biyyatti qofaan gaafatani miti. Gaaffii kana warri ollaa biyya kanaa jiran Itoophiyaan akkam ooltee akkam bultee jedhanii iyyaafatu. Warri biyyi isaanii guddate kan rakkoo biyya isaan gara guddaa irra bahani kan akka warra Awuroophaa, Ameriikaa fi Chaanyaallee gaaffii kana sababa addaa addaaf gaafatu. Warri kaan dhimma isaaniitiif yoo gaafatani warri kaan immoo dhimmuma uummata biyyaa kanaa yaadda´anii dhimma kana ordofu.  Dhimma kana hunduu haa orfodani malee, hunduu haa iyyaafatani malee kan akka lammii Itoophiyaa tokkoo dhimamee, cinqamee galgalaa fi ganama qo´atuu fi iyyaafatu hin jiru.

Anis jireenyaan biyya sana irraa fagaadhuyyuu, tarii deebi´ee achi jiraachuuf yoo carraan hin jiraanneeyyuu yeroo hundaa waayyeen biyya ani itti dhaladhee guddadhee kanaa anas maatii koos ni cinqa. Yeroo hundaa maaltu tae, maaltu dhabale, maal wayya jechuun keenya hin hafne. Namni waan baayyee jaallachuu danda´a garuu kan hamma biyya ofii laphee namaatti dhihaatu hin jiru. Biyya yeroon jedhu tabbaa, dachaa, diree, bishaanii, nyaata, aadaa, afaan, uummataa fi haala jireenya uummatchaa dabalata. Biyyi waan hedduu of keessa haa qabaatu malee kan laphee namaatti dhihoo jiru immoo uummata dha. Jireenyi uummata sanaa nageenyi, guddinnii fi abdiin uummata sanaa nagaa fi tasgabbii biyya sanaatti hidhata. 

Yoo nagaa fi tasgabbiin hin jiraanne rakkoo hedduutu itti aana. Du´a, baqachuu, hidhaa, beela, fi gidiraatu irraa fi jalaan wal guuree uummata sana irratti fe´ama. Yoo nagaan hin jirre nagaan hin hin dhufu!  Nagaa humnaan eeguun humna biraa fidha. Bakka seeraan utuu hin taane humnaan nagaa eegan, bulees humna biraatu bakka bua. Yeroo biyyi tokko humna qabeessa tokko biraa gara hunda qabeesaa biraatti dabartuu seerrii bakka hin qabu. Bakka seerri bakka hin qabnetti immoo nagaan hin argamu. Seenaa biyya Itoophiyaa yoo ilaallee kan hubannu baroota dheeraaf abbaa hunaa tokko biraa gara abbaa humnaa tokkootti daddarbaa dhufuu isaati. Abbaan hunmaa maqaa seeraatiin kakata malee seeraa hin beeku. Yeroo hundaa seeratti kolfa, abbaa seeraatiin gowwaa jedha. Amma abbaan humnaa isa caalu dhufutti kan seera tumee daaku abbaa humnaa kana dha. Abbaan humnaa inni dhufu kan sana caalu malee kan wayyu hin tau. Seera mootummaa haaraa, humna haaraa, maqaa haaraa, jechoota haaraa, bulchiinsa isaaf tolu haaraa fidhee dhufa. Uummatni fi seerri silayyuu humna dhabeeyyii waan ta´aniif kan ittiin mariatuyyuu hin jiru. Kanaaf jedhee abbaan humnaa kun abbaa humnaa biraa dhala. Seeraa mootummaa kan uumus kan diigus abbootii humnaa kana dha. Silaa utuu seerrii fi uummatni humna qabaatani kan diigu kan jijjiiru uummata fi seera turan. Jarri kun bakka abbaan humnaa jirutti naafoo dha. Ijas afaanis hin qabani. Dubbachuu hin danda´ani, dubbatanis dubbii dha.

Rakkoon biyya Itoophiyaas rakkoo abbaa humnaa tokko irraa gara abbaa humnaa biraatti ce´uu ti.  Kanuma dhihoo yoo fudhane Dargiin humnaan dhufe humnaan kufe. DHDOUn humnaan dhufe humnaan kufe.  Partiin Badhaadhinaa humnaan dhufe. Kanuma dhihoon jedhe malee Dargii kaasnee yoo gara boodaatti demne warra abbaa humnaa malee warra abbaa seeraa hin arginu. Keesumaa haala biyyi Itoophiyaa jedhamtu kun ittiin ijaaramteen wal qabatee Minilik abbaa humnaa taee seenaan beekama. Biyya ijaaruun badiis rakkoos hin qabu, rakkoon biyyi sum akkamiin ijaaramtee dha. Ijaarsi biyyaa fi ijaarsi mootummaa wal fakkaata. Lachuu yoo humnaan ijraaranii seeraan utuu hin taane humnaa eegina jedhan, humnatu jara lachuu diiga.

Muummichi Ministeera Dr. Abiy Ahmed maraanmartoo humnaa kana waan galeef natti fakkaatee ture. Yeroo gara calqabaa humnaan biyyaa eeguun akka hin danda´amne, nagaan humnaan akka hin argamne, seera malee karaa sirriin akka hin jirre gadi fageenyaan haasa´aa turan. Kana irraa kan kae kan eenyuu haaluu hin dandeenye waan gurguddaa hojjetanii turan. Wal diddee seeraan hiikuu, haasaa fi mareen rakkoo furuu, seeraan mormanii mouu fi mo´amuu kanaa fi kana kan fakkaatani irratti haasa´a fi godhaa turani. Obbo Lammaa Magarsaa yeroo sana “Gooftaan Keenya Uummata dha” jedhanii ol aantummaa seeraa fi uummataa haasa´aa turani. Yeroo sana ana dabalatee, hedduun manaa biyyattii kanaaf adduun dhugaa baate jedhanii abdii fi hawwii isaaniin gulufanii turrani. Yeroo sana uummatni abbaa seeraa ti, abbaa mirgaa ti jedhamee ture. Namootni kana akka amanan kan godhe keessa tokkoo fi inni guddaan karaan Dr Abiy fi gaareen isaan ta´itaatti ittiin dhufan warra isaaniin duraa irraa amma tokko waan adda ta´eef ture.

ADWUIn humna Qeerroo fi qabsoo uummatoota biraan dhiibamee taa´itaa haa qabatu malee gareen amma ta´itaa irra jira warra uummatni irratti ka´ee of irraa dhiibaa ture keessa turani.  Haa tau malee gareen kun hammi tokko gaaffii uummataa fudhachuun of jijjiiranii gara aangootti dhufani. Yeroo sana humni isaanii dhuguma uummata ture. Aantee uummataa waan dafanii fudhataniif dhugumaa warra humnaa utuu hin taane warra uummataa fakkatanii turani. Haa tau malee boodana keessa dubbiin akka yaadamee fi akka abdatame hin taane.

Paartiin Badhaadhinaa akka simbirroo Kuukkuu jedhamtuu ta´e. Kuukkuun hanqaakuu ishee mannee simbiraa biraa keessatti dhokattee hanqaaqxi. Haati mannee sun haammattee ho´ina kenniteefii hanqaaquu Kuukkuu sana ijoollee ishee waliin yaafti. Cuuciin Kuukkuu garuu yeroodhuma dhaltee jalqabdee cuucii simbirroo warra kaan sana tokko tokkoon mannee keessaa gad daddarbattee kophaashee mannee keessatti hafti. Haati simbirruu sun ilmoo Kuukkuu kana itti rakkattee raammoo funaantee diina irraa eegdee guddifti. Yeroo xinnoo booddee ilmoo kanshee utuu hin taan dhala alagaa tauu barti. Yeroo sanatti humna ishee, ilmaan ishee fi yeroo ishee dhabedeetti.  Kanaafi jettee mannii biraa, jireenya biraa lafaa kaastee jalqabdi. Yoo of hin eegne rakkoon darbe ammas itti deebi´uu ni danda´a. Gadhee lama kabalu jedhe Oromoon, yoo dadhabduu taate malee of irraa ittisuu ni dandeessi. Yeroo baayyee mannee isaanii bakka dhokataatti ijaaratu. Kanaafuu mana ishee isa itti aanuu bakka dhoksaa ta´etti ijaarratti.

Uummatni Itoophiyaa yeroo amma kana akka haadha simbraa Kuukkuun dogoggoree sanaa irra jira. Eeyyeen dhugaa dha ilmoon Kuukkuu sun simira sana haadha koo jettee hin fudhatu. Akka firaattuu hin ilaaltu. Simbirri sunis Kuukkuun addaan baateetti, lamatta walitti hin deebi´ani. Partiin Badhadhinaa akka ilmoo Kuukkuu sana jedhee ammaaf hin amanu. Eeyyeen dhugaa madaala hedduun Partii Badhadhinaa (PB) abbaa seerummaa qabu ture irraa gara abbaa humnaa ta´aa jira. Akka kanaan itti fufnaan akkuma Kuukkuu sana uummataa waliin adda galu. Garuu PBn ammallee carraa ittiin gara bara jalba isaatti deebiu isa dandeessisu hedduu qaba. Paartiin Badhaadhisaa gara abbaa humnaa irraa gara abbaa seeraatti deebiuun isaa rakkoo biyya sanaa furuu keessa isa guddaa fi isa jalqabaati. Yoo kun tae uummatni Itoophiyaa maraammartoo humnaa keessaa bahee heeraa fi seera qofaan buluu jalqaba jechuu dha. Kana jechuun immoo abbaan humnaa waan hin jirreef abbaa humnaa kan biraa kan isa diiguuf ijaaramu hin jiru jechuu dha. Haala kanaan biyyattiin gara seera qabeettii fi dimokraatoftuutti deemti.  Hundaa kan murteessu seeraa fi saba qofaa waan tauuf humni bakka hin qabu. Seerri uummataa fi seerri mootumaa uummataa gadii fi humnaa oli ta´a. Seerota kana kan jijjiiru humna utuu hin taane uummata qofa ta´a. Kun immoo uummataaf waan mirgaa if humna kennuuf hunduu yaaddoo, shakkii fi sodaa malee wal qixxaatee waan seerri kennuuf qabatee waliin jiraata. Humni kun dhufee seera kana diigee mirga na sarba jedhu hin yaadda´u. Bakka bu´ootni inni filatu seera eeguu fi hojii irra oolchuuf malee seera jijjiiruuf akka hin taan beeka, seerri kan jijjiiramu uummata qofaan waan ta´eef. Kun hawwii fi abdii uummatoota Itoophiyaa hundaa ti.

Paartiin Badhaadhinaa yoo seera fi uummataaf waamamaa yoo tae yookaan yoo tauu fedhe, keessumaa biyyatti Itoophiyaa jedhamtu sana akkuma waadaa seene yoo ceesisuu barbaada tae abbaa umnumaa dafee dhaabee gara uummataatti deebiuu qaba. Akka amma bahee fi bahaa jiruun itti fufnaan uummatni Itoophiyaa akka haadha simbira sanaa fala biraa barbaaduun isaa hin hafu. Kun immoo maraammartoo humnaa sila jennu keessatti nu deebisa. Kun akka hin taanee mootummaan, Paartiilee fi humnaatni siyaasaa biyyaattii hundi warreen asii gaditti tuqaman kana dafee sirreessuu qabu.

Yaada koo yeroon xumuru, asii olitti yaada gurguddaa fi hedduu barbaachisaa ta´anitu kae. Rakkoon biyya keenya jeeqaa ture fi ammas jeeqaa jiru seeraan hutuu hin taane humnaan deebii kennuu yaaluu dha. Akka seeraanis hin deemne seera fi sirni uummatni filate waan hin jirreef rakkooleen sun bulchiinsa tokko irraa gara bulchiinsa tokkootti akka darbu taee jira. Rakkoolee kana furuun al-tokkoon akka hin danda´amne beekamaa dha. Darabeen hiikuudhaaf garuu rakkoo isa rakkoo warra kaaniif bu´ura ta´an adda baasanii jara bu´uura ta´an kana dura hiikuun itti-adeemnsa (approach) gaarii ta´a. Kanaafuu akka yaada koo ti rakkoon siyaasaa, rakkoon alaabaa, rakkoon daangaa, rakkoon ofiin of bulchuu, rakkoon wal-irratti ka´uu fi wal-irratti duuluu hunduu kan bu´uureffaman rakkoo sirna uumataan filame qabaachuu dhabuu irraa ti. Rakkoon kun rakkoo uummata mirga dhuwwatu waan taeef abbaan humnaa as bahee akka fedhe godhuu carraa kennaaf. Sirna uummataa waan hin jirreef seera uummataan seeramee, seera uummataan eegamus hin jiru. Bakka sirni uummataa fi seerri uummataa hin jirreetti sirna abbaa irree fi seera abbaa irree eegu qofaatu jiraata. Kuni immoo akkuma kanaan olitti ilaalle abbaa humnaa tokko irraa gara kan biraatti nu geessa. Kana waan ta´eef nagaa fi tasgabbiin waliin jiraachuu, wal-amanuu fi biyya tokko ijaaruu fi eeguu kan dandeessisan hunduu rakkoo keessa galee biyya sana gara ciramuutti geessuu danda´a. Baraa bara humnaan garanaa fi garasitti wal arkisaa fi wal-rakkisaa jiraachuu irra al-tokko dhaabbannee mari´annee gara nu baasuu danda´utti waliin deemuun gaarii dhan jedha. Akka yaada kootti mootumaa fi dhaabbolleen siyaasaa jiran gara filannootti deemuun dura dursanii sirna mootumaa kam akka tauu malu, waaee alaabaa fi daangaa naannoowwan gudduu jiruu, akkasumas lakkoofsa uummataa fi baayy´ina namootaa bakka isaan bu´u sagalee uummataatiin (Referendom) akka sagalee kennee murteessu godhuu qabun jedha.

  1. Haala siyaasaa biyyattii keessatti deemaa jiru sirreessuu—waaee seeraa fi humnaa akkasumas uummataa yeroo haasofnu waaee siyaasaa tuquun hin hafne. Rakkoo yeroo ammaa kana biyyatti qabatee gara hin taanetti deemaa jiru keessa inni guddaan rakkoo morkattoota siyaasaa irra gahaa jiru dha. Rakkoon waraanatti nu geese illee rakkoo kana keessa tokko dha. Yeroo amma kana dhaaba morkatoota siyaasaa kan morkattuu cimaa tauu danda´an rakkoo guddaa keessa jiru. Rakkoon ABO, KFO, ONLF, fi kaan irra gahaa jiru akka siyaasaatti kan fudhatamu miti. Seera eegisfina, seera cabsitani fi kan kana fakkaatuun miseensota dhaabotaa kanaa hidhuun, ajjeesuun fi dararsuun, keesumaa waajjiroota isaanii cufuu fi saamuun ifaadhumatti abbaa humnummaa ti malee seera eegsisuu akka hin taane beekamaa dha. Abbaan humnummaa tokko abbaa humnummaa biraa dhala, kun immoo biyya sana eessattuu hin ceesisu. Kanaaf miseensota mormitootaa hidhaa hiikuun dirqama ta`a. Fuuldura dhaabilee kanaa uumatnii fi uummatni qofaan akka murteessu uumataaf dhiisuu dha. Warra dhuguma yakkaan shakkaman yoo jiraatani wabii cimaan gadhiifamanii, akka biyya keessaa hin baanee goadhamnii hojii isaanii akka itti fufan godhuun beekumsa guddaa ta´a. Yoo yakkamoota ta`anii dhugaan gaafa bahu jarris murtoo isaanii argachuu danda`u.
  2. Mirgoota uummatni kanaan dura qabsoon argatani eeguu-Uumatoonni Itoophiyaa bara dheeraaf gidiraa abbaa humnaa jalatti dararamniiru. Gadi faageenyii fi bifti isaa garaagara haa tau malee kan cunqursitoota abbaa humnaa jalatti hin dararamni hin jiru. Kanaaf jecha yeroo yeroon qabsoo geggeessaniin mirgoota akka abba lafaa, mirga afaanii fi bulchiinsa ofii, mirga sabummaa fi aadaa ofii guddisuu, mirga dhala namummaa uumanaan qabani kanaa fi kana kan fakkaatani argatanii jiru. Kana argachuuf immoo lubbuu ijoollee isaanii kan bakka bu´a hin qabne kaffalanii, jireenya isaanii itti wareeganii, itti madaa´aniitu malee tola waan argame miti. Kanaafiyyuu uummatni mirgoota kana akka waan tola dhufee tokkoo akka laayyootti hin ilaalu. Mirgoota uummatootni argatan kana humnaan irraa fuudhuu yaaluun abbaa humnaa biraa dhala.
  3. Seera Mootumaa Biyyattii eeguu fi kabajuu-Seerri Mootummaa biyyaatti (Constitution) amma jiru kun uummatootni Itoophiyaa mirgoota dhiigan argatan keessa isa tokkoo fi isa guddaa dha. Namootni yaada salphaa qaban Seerri Mootummaa kun kan TPLF fi ABOn fidanii dhufan fi kan tolaan argame jedhanii haasa´u. Garuu dhugaan jiru TPLF fi ABOn gaafii uummataa qabsoon gaafatamaa ture deebisan malee kan mataa isaanii hin turre. Gaaffii kana keessaa tokko sabaa fi sablammiiwwan biyyatti mirga ofiin of bulchuu ture. Gaafii kana deebisuuf Dargiinuu gara dhumaa jala “Astedader Akkabaabii” jedhee kan akka Gambeellaa, Tigraay, Dirree Dawwaa uumee ture. Sun garuu gaaffii isa uummatni gaafachaa jiru dhoksuuf kan godhame ture. Sana booddee qabsoo ijoolleen Oromoo, Tigrey, Amhaaraa fi warri kaan hunduu kara karaa godhaniin lammiiwwan biyyatti mirga ofiin of bulchuu amma tokko argatanii jiru. Kana keessa aadaa, afaan fi duudhaa ofii guddifachuun akkam mirgaatti Seera Mootumaa kana keessatti mirkanaa´ee jira. Seera Mootumaa kana ni diigna, Seerri kun baduu qaba warri jedan akka waan badii guddaatti, yakka guddaatti utuu gaafatamuu qabanii cal jedhamanii ilaalauun yaaddoo guddaa fidaa jira. Seeraa amma jiru yoo jijjiiruun babaachise uummata ´Referendum´ godhamee jijjiiramuu qaba. Seerrii Mootummaa warra bakka bu´oota uummataatiin jijjiiramuu hin qabu. Kun akka hin taaneef Seerri kun Seeraa Mootummaa kanatti dabalamuu qaba. Mootummaan biyyattii warra midiaa adda addaa irratti bahanii yakka Seera Mootummaa kana irratti deemsisan seeraan gaafachuu fi sirreessuu qabas.
  4. Sirna Federaalizmii akka ijaatti eeguu-Sirni Federaalizmii sirna qopha galeessa miti. Sirna bulchiinsaa adda addaatu jira. Biyyootn hunduu sirna haala uummata isaanii ilaaluun sirna bulchiinsaa tokko filatu. Akkuma beekamu Itoophiyaan sabaa sablammii 80 olitu keessa jiraata. Sabootni kun hunduu waan hedduu waliin haa qabaatani malee afaan aadaa fi duudhaa garagaraa qabu. Kana hundaa walitti cafaqanii haala tokkoon bulchun waan hin taaneef sirna garaagarummaa jiru eegee tokkummaa fi wal-qixxummaan waliin jiraachisu barbaachisaa taá.  Kana kan falu immoo sirna Federaalizmii ti. Dhugaa dha haala itti hojii irra ooluu fi haala namootni adda addaa itti simatani rakkooo uumuu danda´a. Haa tau malee sun seera mootummaa cimaa taeen tinnisamee hojii irra oolchuun gaarii ta´a. Rakkoon kan jiru sirna sana keessa utuu hin taana akka itti simannuu fi hojii irra oolchunu dha. Kanaaf sirna kana akka sirna filmaata hin qabneetti eegamuu qaba. Yoo naaf hin tau jedhe uummata gaafatanii uummatni akka jijjiiru godhuu dha. Haala amma jiruun uummatni kam akka fedhu kana sana jechuun ni rakkisa ta´a. Kana hiikuuf filmaata biyyatti dura kan dursuu qabu uummatni Itoophiyaa sirna kamiin buluu akka fedhu ifaa ifatti filachuu qaba. Kana malee humnaan dhiiguun abbaa humnaa biraa dhala.
  5. Yakkamitoota uummaata walitti naqan to´achuu fi seeratti dhiheessuu-Biyya kana keessatti yeroo dheeraa kaasaa uumatni tokko isa biraa maqaa moggasuun arrabsuu fi hiraarsuun kan itti fufe dha. Haa tau malee mootummaan biyyatti kamuu seera baasee kana to´achuu kan yaale hin jiru. Namootni adda addaa miidiyaa mootummaas ta´e kan dhuunfaa irratti asi bahanii uummatootta, ooggana uummatoottaa, bulchiinsa yookaan naannoo uummatootaa, seeraa si sirna biyyatti akkasumas afaanii fi aadaa uummatoota kaanii yeroo arrabsani yeroo maqaa balleessani kan gaafatu hin jiru. Madala hedduun garuu gochaan jara kanaa yakka yammu tau garuu ragaa tokko waan fedhan haasa´anii namas, sabas yakkanii salphisu. Rakkoon kun kan maraammartoo arrabsoo uumu qofaa utuu hin taane uummattootni biyyatti akka nagaan waliin hin jiraanne, akka tokkummaa fi wal-qixxummaa hin yaadne kan uumuu waanteef badii guddaa kan fudu dha.  Keessumaa arraabosuun Oromo fi Amhaaraa, Amhaaraa Tigree, Tigree fi Oromoo, Akksumas Amaaraa fi uummatoota kaan hedduu gidduu deemu waan seeraan hordofamee warri balleessan seeraan adabamuu barbaachisu dha. Seeraanan jedhe, humnaa miti. Humni abbaa humnaa biraa dhala.
  6. Mirga of bulchuu fi biyya bulchuu seeressuu fi sirreessuu-Biyyi keenya kun hamma hará abbaa humnaatiin bulaa turte. Akkuma beekamu abbootiin humnaa bakka biyyatti adda addaa irraa walitti haa dhufan malee abba humnaa tokko jalatti qabamnii ergamu turan. Kanaafis humna abbaa humnaa qabatanii bakka deemanitti humnaan bulchaa turani. Kana booddee kun cabuu qaba. Kana partiin amma biyya bulchaa jiru akka waadaa seene sanaan itti fufee abbaa humnaa balleessee humna uummataaf kennuu qaba. Uummatni Itoophiyya hunduu wal-qixa kan jennu yoo akka haala isaaniitiin naannoo isaanii ofiin biyya isaanii immoo wal-qixxumaan waloon bulchuu danda´ani dha. Uummatni tokko naannoo kamuu haa jiraatu naannoo sanatti filuu fi filamuu mirga guutuu qabaachuu qaba. Kan dabarsuu fi kuffisu uummata inni bakka bu´u dha malee humna kamuu tau hin qabu. Fakkeenyaaf aanaa Oromiyaa keessa tokko ganda 30 qaba haa jennu. Ganda lama keessa saba Amhaaraatu jira haa jennu.  Aanaa kana bulchuuf yoo namani 30n ganda ganda irraa dhufuu qaba ta´a ganda Amaaraa lamman sana irraa Amaara lamatu dhufuu qaba. Akkanatti ganda isaaniitti of bulchuu dandau jechuu dha. Garuu aanaa sana irraa namani shani gara zoonii deema yoo ta´e warri Amaaraa sun dorgomuu dandauu qabu, garuu carraa zoonii deemuu dhabuu ni dandau. Sana kan murteessu uummata aanaa sanaati. Zoonii gara naannootti, naannoo gara federaalatti akkuma kanaan filuun sirrii ta´a. Fakkeenya biraa irratti aanaan tokko Oromiyaa keessatti yoo guutummaan Amaara ta´e kan bulchu warra achii filamee tau qaba. Sana jedhuun naannoon sum naannoo Amaaraa tae jechuu miti.  Fakkeenyaaf Zoonii Oromoo kan Amaara keessa jiru akka fakkeenyaatti fudhachuu dandeenya.
  7. Lakkoofsa warra naannoo fi federaala irratti filamuu wal-qixxummaan (proportionaly) murteessuu– Uummatni Itoophiyaa hunduu wal-qixa. Wali- qixxummaan kun kan murtaa´u fi kan ittiin mirkanaa´u keessaa tokko akkam haala uummata isaatiin mootummaa naannoo fi federaalaa irratti qooda fudhachuu isaanii ti. Uummatni tokko humna qaba, afaan isaa dagaageera, aadaan isaa beekamaa dha, baayyina qaba, miidiyaa qaba jedhamee kan filamu yoo tae dogoggora dha. Rakkoo dinagdee irraa kan kae bakka bu´oota baayyee federaalatti galchuun hin dandaa´amu ta´a. Haa tau malee sabaa fi sablammiiwwan 80 jiru jedhaman sana hundaa keessa yoo xinnaate nama tokko federaalaa keeessa bakka bu´aa akka qobaat godhuun ni dandaa´ama. Bakkoota hedduutti namoota 50,000tu nama tokko parlamaatti filata. Kun saboota warra akka Oromoo fi Amaaraa biratti rakkoo hin qabu. Uumatoota walii galli lakkoobsa isaanii 50,000 hin tane biratti garuu rakkoo ta´a jechuu dha. Boordiin filnnoo kana seeraan hiika itti barbaaduu qaba. Garuu kun karaa wal- qixxaataa (Fair) taeen murtaauu qaba. Uummatni tokko baayyate jedhamees xinnaate jedhamees haala adda taeen ilaalamuu hin qabu.  Garuu boordiin filammoo lakkoobsa uummataa kan dinadgee irratti hundaa´ee murteessu sun haala wal-qixa taeen uummatoota hundaaf hiramuu qaba.  Kun walii-gala feederaalaa qofaatti utuu hin taane naannoo uummatootni biroo keessa jiraatani kan akka Kibbaa, Zoonii uummani heedduun keessa jiraatani kan kaa Finfinnee irrattis hojii irra ooluu qaba.
  8. Duula naannoon tokko kan biraa irratti godhu gonkomaa dhabbachuu qaba– akka seeraatti naannoon lama sadarkaa bulchiinsaa wal qixa irra jiru. Garuu yeroo darbe bulchitoonni naannoo Tigray naannoolee biroo kan akka Oromiyaa fi Amhaaraa irratti hedduu dalagaa turani. Sun sirrii miti yoo jenne hará kan godhamaa jirus sirrii miti. Haala amma jiruun naannoon Amhaaraa humnaan naannoo Tigray qabatee irratti dhaabachaa jira. Naannoo Benshangul guzi yeroo hedduu hedhattoota Amhaaraan weerarame kan jedhus ni dhaga´ama. Kun gonkumaa seeraa fi sirrii mitii. Abbaan humnaa abba humnaa biraa dhala. Kun immoo un hin ceesisu. Yoo Amhaaraan mirga qabaate seeraan gaafachuu qaba. Luther akkas jedhe ture.
  9.  “Injustice anywhere is a threat to justice everywhere.” Martin Luther.  Hiikni isaa dabni bakka taee, daba bakka hundaa ti. Jedha.
  10. Uummatni dangaa irra jiru garamitti akka buluu fedhu haa filatuItoophiyaan biyya tokko dha. Kanaaf uummatni tokko asitti buli yookaan achitti buli jechuun rakkoo uumu ta´a. Yoo uummantin gidduu naannoo lamaa jiru kun mirga naannoo uummachuu hin danda´u ta´e, gara tokkotti fedhii isaatiin filchuu qaba. Fakkeenyaaf rakkoon Raayyaa, Qimaantii, Tsegedee fi kan biroo gaaffii uummataa ´Referendum´, gara Tigray yookaan gara Amhaaraatti ofii filachu dandauu qabu. Naannoon Tigray akka godhe yoo sirrii hin taane kan amma Amaaraan godhaa jirus sirrii miti. Humni abba humnaa kan biraa dhalcha.
  11. Waa´een alaabaa biyya sanaa ifaa ifatti kaa´amuu fi seeraan eeguu qaba- Alaabaan biyya tokkoo fi mallattoo guddaa dha. Abaalaa fi Kaartaan biyya tokkoo waan hedduu wal irraa ergifatu. Biyyi tokko kan beekamtu lamman kanaani. Garuu uummatni alaabaa biyyaa irratti fi daangaa irratti walii hin galle waliin biyyi ijaarrachuu ni rakkata. Haala amma jiruun Itoophiyaan alaabaa humnaan kaa´ame malee alaabaa seeraan eegame hin qabdu. Naannoo tokko tokkotti alaabaa seera hin qabne kan filatani yeroo tau naannoo kaanii immoo kan dhaba siyaasaa jaallatanii akka alaabaa isaaniitti filatu. Haala kana irraa kan kae alaabaan tokko ta´e saboota kana biratti fudhatama daba jira. Waan uummatni hin jaallanne tokko itti feuun hin dandaámu, gaariis hin tau. Kanaafuu waaee alaabaa biyyaa kana qo´annoon godhamee kan hundaa walitti fiduu danda´u fi kan fudhatama argachuu dandau akka alaabaa biyyaatti kaa´amuu qaba. Sana booddee alaabaa filatame sana eeguun dirqama ta´a.  Kana biratti dhaabni siyaasotaa fi naannooleen alaabaa filatani godhachuu dandau. Haatau malee kan alaabaa federalaan wal-fakkaatu akka hin qabaanne seeraan dhowwamuu qaba.
  12. Gaaffiileen uummattaa xiyyeeffannaa kennameefii deebii argachuu qaba- Uummattootni biyyattii hundaa gaafii garaa garaa gaafachuu malee deebii argachuun hin mul´atu. Kan nama dhibu garuu gaaffiin uumatootaa kun waanuma mirga isaanii malee kan uummata biraa yookaan namaa biraa tuqu miti. Gaafii daangaa, gaaffii afaanii, gaaffii ijaaramuu, gaaffii misoomaa, gaaffii abbaa mirgummaa kana kana kan fakkaatani dha. Fakkeenyaaf uummatni Oromoo abbaa mirgummaa Finfinnee irratti qabu seeraan ilaalamee hin beeku. Gaaffiin warra Agew, fi Qimaant akka gaaffii uummataatti fudhatamee hin beeku. Tiruun bilte lafee taate akkuma jedhamu, uummatni gaaffiin mirgaa gaafatee heebii seeraa dhabe deebii humnaan barbaaddachuun isaa hin hafu.
  13. Siyaasini biyyattii gara siyaasaa seeraan deggerameetti deebiuu- Haala amma jiruun biyyaattiin akka biyya tokkootti turuun yaaddeessaa fakkaata. Baayyinni dhaabota isaayaa rakkoo tokko yoo tau, yaadaa addaa addaa qabatanii uummatatti yeroo dhihaatani uummatni fedhii siyaasaa dhabuu danda´a. Kun rakkoo chimaa keessa kan biyyattii galchu ta´a. Kanaafuu akka kanaan olitti ibsametti hunda dura uummatni biyya sanaa sirna kamiin akka waliin jiraachuu fedhu dursee murteessuu qaba.  Erga sirni uummatni ittiin waliin jiraatu murtaaee booddee dhaabotni siyaasaa fuula sirna kanaan hin ijaaramine seeraan diigamuu qabu. Kan biraas yeroo ijaaraman sirna uummatni filate kana kan hordofani tauu qabu. Fakkeenyaaf yoo uummatni Itoophiyaa hark caalaan federalizimii filate dhaabni siyaasaa federalizimii hin hordofine hin seeraan ayyamanu jechuu dha. Hamma uummatni sirna ittiin bulu filatutti dhaabotiin siyaasaa sagantaa siyaasa isaanii harka guddaan (Fakkeenyaaf harka 75% wal -fakkaatani) seeraan akka walitti makaman godhamuu qabu.
  14. Siyaasni biyyattii biyya tokko ijaaruu qaba-Erga uummatni sirna ittiin bulu filatee, sirna sana irratti hundaa´anii dhaabotni siyaasaa ijaaraman hundi biyyaa tokko ijaaruu irratti hojjechuu qabu. Uummatootni biyyatti sirna isaanii ofii isaaniin filachuun rakkoo siyaasa biyya sanaa hedhuuf furmaata kenna. Yeroo amma kana garuu uummatnis taee dhaabotiin siraayaa tokko tokko waan biyya tokko ijaaraa jiran hin fakkaatani. Kun rakkoo biyyattii keessaa isa guddaa taee jira. Rakkoon biyya tokko ijaaruu dhabuu kun kan dhalatu rakkoo mirgaa, rakkoo daangaa, rakkoo alaabaa, rakkoo sirnaa fi seera bulmaata biyyatti tuffachuu fi eeguu dhabuu irraa kan dhalate dha. Kana yeroo amma humnaan gara fedhii ofiittii dhiibaa jiraachuun argamaa jira. Kun immoo waan eessanuu nama geessisu miti. Uummatni mirgaa if bilisummaa fedhu, amma sana argatutti hin rafu.  Kanaafu bu’aan fedhii uummataan ala deemaa jiru kan dhalu yoo jiraate dua, badii qabeenyaa, yeroo gubuu fi rakkina dha qofaa dha. Martin Luther ammas akkas jedhee ture. “You can kill the dreamer, but you can’t kill the dream.”  Hiikni isaas “Abbaa mul’ataa ajjeesuu ni dandeessa ta’a; garuu mul’ata ajjeesuu hin dandeessu.” Jechuu dha.

Yaada koo yeroon xumuru, asii olitti yaada gurguddaa fi hedduu barbaachisaa ta´anitu kae. Rakkoon biyya keenya jeeqaa ture fi ammas jeeqaa jiru seeraan hutuu hin taane humnaan deebii kennuu yaaluu dha. Akka seeraanis hin deemne seera fi sirni uummatni filate waan hin jirreef rakkooleen sun bulchiinsa tokko irraa gara bulchiinsa tokkootti akka darbu taee jira. Rakkoolee kana furuun al-tokkoon akka hin danda´amne beekamaa dha. Darabeen hiikuudhaaf garuu rakkoo isa rakkoo warra kaaniif bu´ura ta´an adda baasanii jara bu´uura ta´an kana dura hiikuun itti-adeemnsa (approach) gaarii ta´a. Kanaafuu akka yaada koo ti rakkoon siyaasaa, rakkoon alaabaa, rakkoon daangaa, rakkoon ofiin of bulchuu, rakkoon wal-irratti ka´uu fi wal-irratti duuluu hunduu kan bu´uureffaman rakkoo sirna uumataan filame qabaachuu dhabuu irraa ti.

Rakkoon kun rakkoo uummata mirga dhuwwatu waan taeef abbaan humnaa as bahee akka fedhe godhuu carraa kennaaf. Sirna uummataa waan hin jirreef seera uummataan seeramee, seera uummataan eegamus hin jiru. Bakka sirni uummataa fi seerri uummataa hin jirreetti sirna abbaa irree fi seera abbaa irree eegu qofaatu jiraata. Kuni immoo akkuma kanaan olitti ilaalle abbaa humnaa tokko irraa gara kan biraatti nu geessa. Kana waan ta´eef nagaa fi tasgabbiin waliin jiraachuu, wal-amanuu fi biyya tokko ijaaruu fi eeguu kan dandeessisan hunduu rakkoo keessa galee biyya sana gara ciramuutti geessuu danda´a.

Baraa bara humnaan garanaa fi garasitti wal arkisaa fi wal-rakkisaa jiraachuu irra al-tokko dhaabbannee mari´annee gara nu baasuu danda´utti waliin deemuun gaarii dhan jedha. Akka yaada kootti mootumaa fi dhaabbolleen siyaasaa jiran gara filannootti deemuun dura dursanii sirna mootumaa kam akka tauu malu, waaee alaabaa fi daangaa naannoowwan gudduu jiruu, akkasumas lakkoofsa uummataa fi baayy´ina namootaa bakka isaan bu´u sagalee uummataatiin (Referendom) akka sagalee kennee murteessu godhuu qabun jedha.

 Nagaan turaa!

Odaa Gadaa, Ayerlaand irraa.